Accessibility
Marsariitii Bulchiinsa Magaalaa Ciroo namoota hundaaf salphaa, ifaa fi fayyadamuuf mijataa taasisuuf hojjetame.
Namoota Hundaaf Marsariitii Argamuu Danda’u
Bulchiinsi Magaalaa Ciroo namni kamiyyuu, dandeettii qaamaa ykn haala itti fayyadama teknooloojii isaa osoo hin ilaalin, odeeffannoo mootummaa fi tajaajila uummataa karaa marsariitii kanaa argachuu akka danda’u ni amana.
Kanaaf, dizaayinii, barruu, navigation fi amaloota marsariitii keessatti accessibility yaada keessa galchuun hojjetameera.
Amaloota Accessibility
Keyboard Navigation
Linkii fi buttonwwan ijoo keyboard fayyadamuun argachuu fi socho’uu ni dandeessu.
Barruu Ifa Ta’e
Halluu fi qubee dubbisuuf salphaa ta’an fayyadamuuf yaaliin taasifameera.
Mobile Friendly
Marsariitiin kun computer, tablet fi smartphone irratti akka gaariitti hojjetuuf qophaa’eera.
Screen Reader
Caasaan fuulaa ifa ta’e fi semantic HTML fayyadamuun screen reader waliin hojjechuuf yaalameera.
Qubee Guddisuu
Browser settings fayyadamuun barruu guddisuu fi xiqqeessuu ni dandeessu.
Focus Ifa Ta’e
Keyboard fayyadamtootaaf wanti filatame ifatti mul’atu akka qabaatuuf focus styles dabalameera.
Hamma Barruu Jijjiiri
Yoo barruun siif xiqqaa ta’e, button armaan gadii fayyadamuun guddina barruu jijjiiri.
Keyboard Fayyadamuun
Mouse malee marsariitii kana keessatti socho’uuf keyboard fayyadamuu dandeessu.
Suuraalee fi Alternative Text
Suuraaleen odeeffannoo barbaachisaa qaban bakka danda’ametti alternative text (alt text) waliin dhiyaachuuf yaalameera. Kun namoota screen reader fayyadamanif qabiyyee suuraa hubachuuf gargaara.
Suuraan tokko yoo decorative qofa ta’e, akka odeeffannoo ijoo hin taaneetti ilaalamuu danda’a.
Viidiyoo fi Qabiyyee Miidiyaa
Qabiyyee miidiyaa marsariitii irratti maxxanfamu namoota fayyadamtoota adda addaa ta’aniif hubatamuu danda’u taasisuuf carraaqqiin ni taasifama.
Qabiyyee viidiyoo ykn sagalee tokko keessatti odeeffannoo barbaachisaa yoo jiraate, yeroo danda’ametti barruu, ibsa ykn karaa biraa ittiin argatan dhiyeessuun ni yaalama.
Halluu fi Contrast
Halluu background fi barruu gidduu garaagarummaan gahaan jiraachuun dubbisuuf salphaa akka ta’uuf dizaayinii keessatti yaada keessa galfameera.
Garuu, screen, browser settings fi device garaagaraa irratti mul’anni halluu garaagarummaa qabaachuu danda’a.
Assistive Technology
Marsariitiin kun teknooloojiiwwan gargaarsaa akka screen reader, keyboard navigation fi browser zoom waliin hojjechuuf qophaa’uu yaala.
Haa ta’u malee, browser, operating system ykn software gargaarsaa adda addaa irraa kan ka’e muuxannoon fayyadamaa garaagarummaa qabaachuu danda’a.
Rakkoo Accessibility Argitee?
Yoo fuula tokko, linkii, barruu, suuraa ykn tajaajila marsariitii kanaa fayyadamuun siif rakkisaa ta’e, nu beeksisi. Yaadni kee marsariitii uummataaf caalaatti mijataa gochuuf nu gargaara.
Rakkoo Beeksisi →