Waajjira Geejjibaa
Bulchiinsa Magaalaa Ciroo keessatti tajaajila geejjibaa seera-qabeessa, nageenya qabu fi ammayyaa ta’e cimsuuf hojjetu.
Geejjiba Sirrii, Nageenya Qabu fi Si’aayinaa
Waajjirri Geejjibaa hojii geejjibaa seeraan qajeelfamuu isaa hordoguun, hayyama fi haaromsa abbootii qabeenyaa geejjibaa, buufataalee konkolaataa, nageenya tiraafikaa fi tajaajila geejjibaa ammayyaa irratti xiyyeeffata.


Obbo Dirribaa Taaddasaa
Itti Gaafatamaa Waajjira Geejjibaa Bulchinsa Magaalaa Ciroo
Hoggansi waajjirichaa tajaajila geejjibaa sirrii, nageenya qabu fi seera qabeessa ta’e mirkaneessuuf hojiiwwan waajjirichaa qindeessa.
Gahee fi Dirqama Waajjira Geejjibaa
Hojii Geejjibaa fi Seera
Hojiin geejjibaa seeraan qajeelfamuu isaa ni hordofa, gatii taarifaatiin ol kaffalchiisuu fi hojimaata seeraan alaa ni ittisa.
Hayyama fi Gurmaa’insa
Abbootii qabeenyaa geejjibaatiif hayyama ni kenna, ni haaromsa; konkolaachiftoota gara waldaaleetti ni gurmeessa.
Buufataalee fi Sararoota
Buufataalee konkolaataa ni ammayyeessa, bobbaa konkolaattotaa ni qajeelcha; hanqina geejjibaa haphiisuuf qorannoo sararaa ni gaggeessa.
Nageenya Tiraafikaa
Poolisii Tiraafikaa waliin balaa tiraafikaa ni hir’isa, yeroo ayyaanaa/muddamaa tajaajilli akka hin cinne haala ni mijjeessa.
Digital / Smart Mobility
Tajaajila geejjibaa teeknooloojiin deeggarame (Digital/Smart Mobility) ni diriirsa, hojiirra ni oolcha.
Tajaajila Geejjibaa Fooyya’aa
Nageenya
Hir’ina balaa tiraafikaa fi tajaajila geejjibaa nageenya qabu.
Seera fi Haqaqabeessummaa
Tajaajila geejjibaa seera-qabeessa fi kaffaltii haqa-qabeessa.
Ammayyeessuu
Buufataalee, sararoota fi tajaajila digital/smart mobility fooyyeessuu.
Tajaajila Uummataaf
Odeeffannoo fi tajaajila mootummaa karaa dijitaalaa salphaa ta’een argachuuf Poortaala Tajaajila Online ilaali.
Online Services →