Waajjira Mana Marii
Waajjirri Mana Marii hojii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Ciroo qindeessuu, yaa’ii fi murteewwan sirnaan galmeessuu, dambii fi qajeelfama qopheessuu fi hirmaannaa uummataa cimsuu irratti gahee qaba.
Hojii Mana Maree fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuu
Waajjirri Mana Marii sirna hojii Mana Maree keessatti qindoomina, galmee murtee, qophii yaa’ii, hordoffii baajataa fi karoora misoomaa, akkasumas dhaggeeffannaa yaada uummataa cimsuuf hojjetaa jira.
Mana Maree Sirna Qabeessa fi Itti-gaafatamummaa Qabu
Murtiiwwan, dambiiwwan, karoora fi baajata faayidaa uummataa irratti hundaa’uun akka qindaa’an fi akka hordofaman deeggaruu.
Af-Yaa’ii Bulchinsa Magaalaa Ciroo
Kabajamoo Obbo Ahmaddiin Ibroo
Hogganaa Mana Maree Bulchinsa Magaalaa Ciroo.
Aangoo fi Gahee Waajjira Mana Marii
Hordoffii Hojii Mootummaa
Manneen hojii mootummaa imaammata fi sagantaalee misoomaa seeraan hojiirra oolchuu isaanii ni hordofa, koreewwan dhaabbii hojii dirree akka gaggeessan haala ni mijeessa.
Qophii Yaa’ii fi Galmee Murtee
Yaa’ii idilee fi ariifachiisaa ni qopheessa, miseensota ni waama, qaboo yaa’ii fi murteewwan darban seeraan qindeessuun ni qabata.
Dambii, Karoora fi Baajata
Wixineewwan dambii fi qajeelfamaa ni qopheessa, karoora misoomaa fi baajata waggaa xiinxaluun akka ragga’u ni godha, baajatni faayidaa uummataaf ooluu isaa ni hordofa.
Hirmaannaa Uummataa fi Komii
Hawaasni waltajjiiwwan misoomaa irratti akka hirmaatu ni godha; iyyannoo/komii bulchiinsa gaarii uummata irraa dhiyaatuuf furmaata ni kennisiisa.
Mirgaa fi Dandeettii Miseensotaa
Mirga, dirqama fi naamusa miseensotaa ni hordofa, akkasumas leenjii dandeettii raawwachiisummaa akka cimu haala ni mijeessa.
Mana Maree Bu’a Qabeessa fi Hirmaachisaa
Iftoomina
Galmee yaa’ii, murtee fi hojii Mana Maree sirnaan qindeessuu.
Hirmaannaa Uummataa
Yaada fi gaaffii uummataa gara sirna murtee keessatti akka dhaga’amu deeggaruu.
Itti-gaafatamummaa
Karoora, baajata fi hojiiwwan misoomaa irratti hordoffii fi gaafatamummaa cimsuu.
Tajaajila fi Odeeffannoo Mootummaa
Odeeffannoo fi tajaajiloota Bulchiinsa Magaalaa Ciroo karaa dijitaalaa salphatti argadhu.